Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 48

Kanaafuu seenaan Qalloo kan dhugaa maal akka fakkaatu ifatti

bahee barreeffamee dhaloota amma jiruuf dhihaatee dhaloota


dhufuuf taauu qabaachuu fi ilmaan isaatiis eessaa fi maal akka
fakkaatan seenaa Oromoo keessatti iddoon kam akka isaaniin
malu waan jedhuun walqabatee dhalootaa fi ilmaan saba
Oromoo mara beeksisuun dirgama ta’ee waan mul’ateef kitaabni
kun kan qophaa'ce dhihaateedha.

BOQONNAA TOKKO

1. Oromoo fi Oromiyaa

1.1 Seenaa Dhaloota Oromoo

Ummanni Oromoo hortee Kuushii jedhamee beekkamuufi bara


durii jalgabee Baha ykn Gaafa Afrikaafi Kaaba Baha Afrikaa
keessatti argaman keessaa isa guddaa akka tae seenaan ni
mirkaneessa. Ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa jiraataa jiru
kuniis bara durii kaasee kan jiraataa turee fi arraas jiraachaa
jiruudha. Ummanni kun sosochii jaarsa ummata biyya teenyaa
keessatti bara durii kaasee gahee bakka bu'insa hin gabne bahaa
ture. ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa waggoota kuma
baayeedhaaf jiraachaa akka ture barreessitoonni seenaa hedduun
ragaa bahanii jiru. Fakkeenyaaf, Alamaayyoo Hayileefi kanneen
biroo kitaaba “ History Of The Oromo To Sixteenth Century”
jedhu irratti waahee kana akkana jechuun ibsanii jiru
Many historical documents testify that the population of the
country are indigenous Population. From among the indigenous
of population of the country, those who had

living 8000 years ago on the Eastern parts of Africa were the Cush
people. As linguistic evidences testfy, the ancient Cushitic
language had been divided into four branches

starting 5000 B.C. One among the four is the eastern branch of
Cush. In about 3,500 B.C.

10 2,000 B.C, the eastern Cush in its turn was divided among the
population groups who

had developed their own language. Thus, the the origin of the
Oromo Population is from

the eastern Cushitic branch. The Oromo Population as members


of the Cushitic family had

started to live in northeastern parts of Africa from 3,500 B.C. TO


2,000 B.C. with its own

culture and language.

Yaada barreeffama kanaa gabaabinaan yoo ilazlle, akka ragaaleen


seenaa barreeffamanii jiran baay'een ummatoonni biyya kanaa
ummata hortee durii as jiraachaa tureedha.
Ummata kanneen keessaa kan waggoota kuma 8000 dura gara
Afrikaa Bahaa kana keessaa jiraachaa turan keessaa tokko
ummata hortee Kuush keessaa tokkoodha. Akka ragaan
xiingoogaa ibsutti, DH.K.D bara 5000 irraa eegalee afoononni
damee Kuushitik durii dameelee gurguddoo afuritti kan
qoodamuudha. Dameelee afran kana keessaa tokko damee Kuush
Bahaati. Ummanni kunneeniis afaan ofii isaanii itti fayyadamuun
guddisaa kan turanidha, Ummanni Oromoos damee ummata
Kuush Bahaa kana keessaa tokko kan ta’ee fi DH.K.D waggoota
kuma hedduu dura eegalee kaaba Baha Afrikaa kana keessa
afaanii fi aadaa isaanii

guddifachaa jiraachaa akka turan kan ibsuudha

Ragaan seenaa kun kan agarsiisu ummanni Oromoo ummata


hortee kuush keessaa tokko ta'ee durii kaasee kaaba Baha
Afrikaa keessa jiraachaa akka turaniidha. Kun dhugaa hin
haalamne akka ta’e ragaaleen baay’een ni mirkaneessu. Haata'uu
malee, warri beekaa seenaa Oromoo jallisanii akka ofii fedhanitti
barreessaa turan ummata Oromoo hundeen isaa Afrikaa kanaan
ala

akka ta’eetti kan barreessaa turan ni

ru. Alamaayyoo Haylieekitaaba “Seenaa Oromoo Hanga

Jaarraa 20" jedhu irratti yaada kana akkana jechuun ibsee jira.

Barreeffamoonni seenaa fi xiinhawaasaa ilaalcha Seemitikiin


faalaman ragaa
sobaa dhiheessu hundee Ummata Oromoo Afrikaa ala taasisu.
llaalchi kun

barreessitoota Habashaafi deeggartoota isaaniitiin waggoota


dheeraaf

irra deddeebi’amee calagqiseera. Kana keessatti barreeffamni


Abbaa

Baahiree (bara 1593) shoora guddaa qaba. Duula buttaa Oromoon


jaarraa

16ffaa irraa eegalee Madda Walaabuutii gara kallattii adda


addaatti taasise

barreeffama Abbaa Baahiree raga taasisuun biyya Oromoo


ltoophiyaa ala

Yookaan Kibba Itoophiyaatti gadi butu. Imaammata “Sobni yoo


irra deddeebi’ame

dhugaa ta’a” jedhu qabatanii barreeffama Abbaa Baahiree keessaa


jecha “Galaana

Gama” jedhu qofa luqgisanii fudhachuun akka Oromoon bahar


gamaa dhufe fakkees-

Sani barreessaniiru.
Kanarraa kan hubannu warri seenaa Oromoo akka ofii fedhanitti
jallisanii barreessaa turan ragaalee sobaa irra daddeebi'anii
bareessaa akka turaniidha. Kuniis itti yaadamee kan godhame
akka ta’e kan nama agarsiisuudha. Isaan akka fedhii isaaniitt
jallisanii seenaa sobaa barreessaniis ummanni Oromoo hortee
Kuush keessaa tokko ta’ee kaaba Baha Afrikaa kana keessa
waggoota kuma baay’een dura jiraachaa akka ture warri seenaa
dhugaa lafa kaahaniis baay’eetu jira

kanaaf dhaloonni ammaa seenaa dhugaa kana beekee karaa adda


addaatin

dhaloota dhufuuf dabarsuun baay'ee barbaachisaadha. Haaluma


kanaan Oromtichi ilmaan dhiiraa lama kan qabu yoo ta'uu
isaaniis Booranaa fi Bareentoo dha. Isaan lamaanuu hortee

mataa isaanii kan gabaniidha.

Hidda latinsa Oromoo tartiibaan yoo kaayamu akkaataa armaan


gadii kanaan taa'a.

Oromoon kan Xabbooti

Xabbo kan Waagooti

Waago kan Daadhiiti

Daadhiin kan Utteeti

Utteen kan Biteeti

Biteen kan Walaabuuti


Walaabu kan Jiilchaati

Jiilchaan kan Dawwarooti

Dawwaroon kan Hoofaani

Hoofaan kan Shaaraati

Shaaraan kan Hadiyyaati

Hadiyyaan kan Raabaati

Raabaan kan Dooriiti

Dooriin kan Mormoori

Mormoor kan Maammaati

Maammaan kan Waarari

Waarar kan waayyuuti

Waayu kan Goodeeti

Goodeen kan Mariiti

Mariin kan Galaani

Galaan kan Waadiiti

Waadiin kan shunkuuri

Shunkuur kan Imaari (rami)

Imaar kan Battaayi


Battaayi kan Lubaayi

Lubaayi kan Maliki(Nowbani)

Maliki(Nowban) kan Kuushi

Kuush kan Haami

Haam kan Nuuhi

Nuuh kan Maliki

Malik kan Mattooshaatti

Mattooshaan kan yahiiti

Yahiit kan Muhallali

Muhallal kan Akkuni

Akkun kan Anuushi

Anuush kan Shiishiiti

Shiishiin kan Aadami

Aadam kan Biyyeeti

Biyyeen tan Bishaaniiti

Bishaan Kan Qilleensaati

Qilleensi kan Quduraati

Quduraan kan Rabbiiti hundinuu deemee rabbumatti gala.


Maddi kanaa Afoola manguddoo hayyuu Warra Muchaa Noolee
kan

Damiin

Turee Yuuyyaa irraa kan argameedha,

1.1.2. Hidda Lai

sa Qaccee Oromtichi Dhale

1.1.2. Hidda Latiinsa Qaccee limaan Oromtichi Dhale

Oromoon akkuma olitti ibsine kanatti dhaloota walhoraa dhufe


keessa dabree kan dhufe

yammuu ta'u, horteen ilmaan Oromtichaa akka armaan gadii


kanatti ibsama.

limaan shanan Oromtichaa keessaa sadii dubartii yoo taan,


dhiiraimmoo lama qaba. Isaanis:-

1. Doobiroo Oromoo

2. Roobo Oromoo

3. Hariiroo Oromoo

4. Booranaa Oromoo

5. Bareentoo Oromoo
Dubartiin sadeen Oromtichi qabu kan magazn isaanii olitti
ibsaman kana yoo tahan akka heera Oromtichaatti dubartiin
hanga hin heerumin qofa magaa Abbaa isiitiin yaamamti malee
eega heerumtee bultii jaarratte booda maqaa jaarsa/dhiirsa isiitin
waan yaamamtuuf gaccee

abbummaa isiitiin yaamamuun hafee warra qaccee dhaloota


isaanii itti fufsiiftuun kan yaamamtuudha

Fakkeenyaaf, seenaa Oromtichaa keessatti of duuba deebinee yoo


ilaallee akka armaan gadii kana ta’a.

Magaan jaartii Xabboo

Tarii Xabbooti

Magaan jaartii Bareentoo

Bariitee Bareentooti

Akkasuma jaartiin shanan ilmaan Bareentootis

Shiina Xummuggaa

Saaqarree Karrayyuu

Tiiroo Murawwaa

Afur Caaltuu Humbannaa

Huuloo Qalloo

Akkasuma jaartiin llmaan Afran Qallootis


Doobiroo Baabbilee

Waacitee Oborraa

Hambalii Dagaa

Kuuloo Alaa

innaa Alaa

Akka manguddoonni odeeffannoo kennan jedhaniti Seenaa


Oromoo keessatti dubartoota lama qofaatu abbaa isaaniltiin
yaamama

Isaaniis abbaa manaa isaaniitiin mari atanii irratt waligalaniiti


jedhama. Isaanis:-

Hayoomeetoo Haralloo jaartii Oromtichaatifi

Gileeyyee Galaw jaarti Dullachaati

Qoroomina addunyaan arra irra geeyse dubartiin abbaa mana


isiitiin yaamamuun kun maddi isa Oromoo tae agarsiisa.
Dubartin Oromoo biratti iddoo guddaa gabdi. Fakkeenyaaf,
dubartiin haadha, iimoodha, obboleeytiidha, haadha manaati,
akkoodha, adaadaa dha, haboo dha. Madaala ulfina isi kana yoo
Rabbi tahe malee anti gadi buusu hin jiru. Dubartiin erga
heerumtee booda heera saglanii sabbataa kan Afran Qalloo
keessatti miidhaa isii mudatuuf

qaamaisii bakka saditti gogqooda.

1. Mormaa olin warra sii dhaleetu gaba


2. Mormaa gadiin hanga mudhiitti warra gurbaa sii fuudheetu aba

3. Mudhii gadiin gurbaa isi fuudhe qofaatu qaba.

Hiikkaan sadeen kanaa: Mormaa oliin yoo miidhamte warra isii


dhaleetu aba yeroo jenny, jj isii tugamnaan ijoon bareedina sii
badee, kabajaan warra isi tugamee

ballittii abaluutiin yaamamtee manatti waan deebituufi.

Funyaan isi tugamnaan: funyoon warra lamaan walitti hiitu cittee


jechuu dha.
Gurri iii tugamnaan: qaamaan mana jiraattuus gurri ala jiraa kan
jedhurraa faaruun warra isi kan isin ittin boontu hafee jechuufi
llkeen isii tugamnaan forroggee taatee jibbamtee, forrogqee
intala abaluutin yaamamtee galt. Fakkeenyaaf, ilkee isi
Hortee Oromoo Oromoon ilmaan lama(2)dhale. 1- Booranaafi 2-
Bareentuu Booranni Ilmaan 12 dhale Isaanis 1-Wallagga 2-
Callabba 3-Goree 4-Goofaa 5-Sidaamoo 6-Arii 7-Dacee 8-Garrii 9-
Guraa 10-Giriirraa 11-Naayroobii fi 12-Gujii Bareentuun Ilmaan 5
dhale 1. xummuungaa 2-murawwaa 3-karrayyuu 4-Hunbanna 5-
Qal’oo Xummuungaan Ilmaan 3 dhale 1-Arsii 2-Asoosaa 3-
Hawaasaa Murawwaan 1 dhale Innis:- Ituudha jedhama Ituun 10
dhale isaanis:- 1-waatee 2-Gaamo 3-Baayee 4-Galaan 5-Addaayyo
6-Baabbo 7-Waaree 8-Algaa 9-Gaaddullaa 10-Elellee Karrayyuun
Barentuu Ilmaan 12 dhale 1-Dullachaa 2-Abbichuu 3-Gonbichuu
4-sayyuu 5-Oboo 6-Oborii 7-Jiillee 8-Bullaalla 9-Mucee 10-Galaan
11-Salaalee 12-Wallo Hunbannaan Ilma 1 dhale Innis:- Anniyya
jedhama Anniyya 7dhale 1-Malkaa 2-Baabboo 3-Dinbii 4-Baaduu
(biduuu) 5-muci 6-Naannaa’a 7-kudheedhee Qallo 4 dhale 1-Ala
2-Daga 3-Oborraa 4-Baabbile Ala 12 dhale 1-Abbayi 2-Nuunnu 3-
kaaku 4-Buubbu 5-Diiramu 6-Abbaadho 7-Goollo 8-Eeri 9-Utayyu
10-Galaan 11-Meettaa 12-Arroojji Daga 3 dhale 1-Noolee 2-
Jaarsoo 3-Huume Oborraan 3 dhale 1-Akkichu 2-bil’I 3-Dooranii
Baabbile 3 dhale 1-Gantuub 2-Hawiyyaa 3-Hawaasilee Arsiin 2
dhale 1-sikkoo 2-mandoo sikko 5 dhale 1-Bullaalla 2-Wucaale 3-
wooji 4-Jaawwi 5-Ilaannii Mando 7dhale 1-Raayituu (Raa’idoo) 2-
Hawaxxuu 3-Karaara 4-karrayyuu 5-Meettaa 6-Arroojii 7-Garjeeda
Akkichuu Oborraa ilma 2 dhale 1-dhaayi 2-biliidaa Dhaayi 3 dhale
1-Dukkoo 2-Kooyee 3-Allaatayya Billiidaan 3 dhale 1-Godaanaa 2-
busaa 3-Allaa Gujiin Boorana 3 dhale 1-Hookkuu 2-Uraagaa 3-
Matii (maatii) Hookkuun 7dhale 1-Galalcha 2-Oborraa 3-Michille
4-Heeraa 5-Bundhituu 6-Kinnoo 7-Baallaa Uraagaan 6 dhale 1-
Goolloo 2-Hallaa’oo 3-Agantuu 4-Daraartuu 5-Sarboortuu 6-
Waajituu Maatiin 3 dhale 1-Hirqaantuu 2-Linsoolee 3-Hunde
Maddii issaa kitabaa seennaa irraa

Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)

1,boraana
2 ,bareentu
Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis
1,wallagga
2,callabba
3,goree
4,goofaa
5,sidaamoo
6,arii
7,dacee
8,garrii
9,guraa
10,giriirraa
11,naayroobii.fii
12,gujii
Bareentuun Ilmman 5,dhalee
1,xummuungaa
2,murawwa
3,karrayyuu
4,hunbanna
5,Qal’oo
Xummuungaan Ilmman 3dhalee
1,arsii
2,asoosaa
3,hawaasa
Murawwaan,1dhalee.innis.ltuudha.jedhama.
Ituun,10,dhalee.isaanis
1,waatee
2,gaamoo
3,baayee
4,galaan
5,Addaayyoo
6,baabboo.
7,waaree
8,algaa
9,gaaddullaa
10,Elolloo
Karrayyuun,barentuu.ilmmaan.12.dhalee
1,dullachaa
2,Abbichuu
3,gonbichuu
4,sayyuu
5,oboo
6,oborii
7,jiillee
8,bullaalla
9,mucee
10,galaan
11,salaalee,
12,wallo
Hunbannaan.ilma,1dhalee
Innis.Anniyyaa.jedhama
Anniyyaa..7dhalee
1,malkka
2,baabboo
3,dinbii
4,baaduu..(biduu)
5,mucii
6,naanna.a
7,kudheedhee
Qallo.4.. dhalee
1.ala
2,daga
3,oborraa
4,baabbile
Ala 12 dhalee
1,abbayii
2,nuunnu
3,kaaku
4,buubbu
5,diiramuu
6,abbaadho
7,goollo
8,Eerii
9,utayyu
10,gaalan
11,meettaa
12,arroojjii
Dagaa,,3 dhalee
1,noolee
2,jaarsoo
3,huume.
Oborraan..3 dhalee
1,akkichu
2,bil,l
3,dooranii
Baabbile 3 dhalee
1,gantuub
2,hawiyyaa
3,hawaasilee
Arsiin, 2 dhalee
1,sikkoo
2,mandoo
Sikkoo ,5 dhalee
1,buullaalla
2,wucaalee
3,wooji
4,jaawwii
5,llaannii
Mandi,,7 dhalee
1,raayituu(raa’idoo)
2,hawaxxuu
3,karaara
4,karrayyuu
5,meettaa
6,arroojii
7,garjeeda
Akkichuu.. oborraa ilma,2, dhalee
1,dhaayii
2,biliidaa
Dhaayii 3,dhalee
1,dukkoo
2,kooyee
3,allaatayya
Billiidaan, 3 dhalee
1,godaana
2,busaa
3,allaa
Gujiin boorana 3 dhalee
1,hookkuu
2,Uraagaa
3,matii..maatii
Hookkuun 7dhalee
1,galalchaa
2,oborraa
3,michillee
4,heeraa
5,bundhituu
6,kinnoo
7,baallaa
Uraaggaan 6 dhalee
1,goolloo
2,hallaa”oo
3,Agantuu
4,daraartuu
5,sarboortuu
6,waajituu
Maatiin 3 dhalee
1,hirqaantuu
2,linsoolee
3,hundee. Itti fufaaaaaa
Yoo karaa daabee itti guttaaa issin sabaa koo oromo hortee kushii horaa bulaa
badhadha dagagaa lslissaa akka hababoo gaanaa.
QEERROO BLOG HASEN.
Seenaa Qarominaafii Guddinna Ummata Oromo Wallo, Raayyaafi Yeejjuu.
(1769-1855)! Kutaa Tokkoffaa

Ummata Oromoofi Seenaa isaanii walbarsiisuun dirqama kenyaaf kessanii!


~~~~~~~~~~~~~~<><><>~~~~~~~~~~~~~~~~
Hidda latinsa (Qacce) Ummata Oromoo walloo Raayyaafi Yejjuu.
Jalqabni isaa…

Umannii Walloo damee Oromoo Baarentuummaa kan gosa karrayyuutti ramadamu dhaa.
Karrayyunis gosa hangaafaa kan barentuu yommu ta’u damee Boranaa kan gara baahaattii
qubate ta’u isaa barrulen ni addessu. Gosti Karrayyu damee gurguddaa Baasoofi Dullachatti
qodama. Damee dullachaa kessaas Libanifi Wallo ni argamuu. Liban gara kaaba gondoritti
yommu qubatu Walloo immoo naannoo amma wallo jedhamee bekamutti qubata.

Gostii Ummata Oromo kan Walloo bakka gurguddaa lamattii kan qodamu yommuu ta’u innis
Afree fi Sadacha jedhamun kan bekkamu dha. Gosa Afree kan ummata Walloo Oromo jala
balbalonni Warra Qaalluu, Laga Hidhaa, fi Laga Amboo kan argaman yommu ta’u Gosa
Sadachaa kessatti immoo Warra Heebanoo, Warra Iluu fi Warrii Baabboo kan argamanidhaa.

Oromoo Wallo gara kaabaattii qubatan kessaa Raayyafi Yeejjun Gosa gurguddaa ta’u isaanii
barulen ni addessu. Yejju maqaa biyyaafkenamee ta’u isaas akkasumas oromon achi qubatan
afran Yejju Doraanii Boqojji, Warra Kaaloo, Warra Ruufoo Roobaafii Iguu jedhamani
bekkamuu.

Garaa garummaafii tokkummaa Walloo, Yejju fi Rayyaa ilaalchisee qorannon gadi fagenyaan
gagefamee bakka hinjirrettii, barreitonni seenaa warra kaaba itiyophiyaa (the Christian highland
kingdom historians) Oromo gaafii abbaa biyyumaa dhowudhaaf seenaa ummata kanaa ballesani
barresun isaanii barrulen adda addaa ni addessu. Warri kun seenaa Oromoo akka waligalaattii
ballessani barresun isaanii wanuma bekkamu ta’e shira isaanii kanaan akkaan midhamee
enyummaa isaayuu akka dagatamu godhmudhaan akka ummata Yejjufi Rayya kan gahu hin
jiruu. Nutis seenaa ummata kanaa yadatamuu waan qabuf barulee adda addaa irraa walitti
qabudhaan guyyaa har’a irraa egalee gabaabsudhaan isinif dhihessu yaalla.

Seenaan dagatamee bakka hin yaadatamnetti qarominnis tae tokkumman dhugaadhaan dhufu
hinjiru.

Ittii fufaa………

Kitaabota Wabii
1, “The Oromo of Ethiopia. History of 1570-1860” by proof Muhammed Hassen! published
2. “The Oromo and Christian Highland Kingdom 1300-1700!” By prof Muhammed Hassen.
Published.
3. “Islam In Ethiopia.” Trimingaham! Published
4. “የታሪክ እውነታዎችና የውገና ድርሰቶች!” ታቦር ዋሚ published.
5. “Seenaa ummata Oromoo hanga jaarraa 20ffaattii! Jildi lammaffaa” Alamaayyoo Haile!
Published.
6. “የኢትይጵያ ሙስሊሞች የጭቆናና የትግል ታሪክ ቅፅ 1” አህመዲን ጀበል! Published
And others

Skip to content
Simarsan
Menu

DAMEE HORTEE OROMOO!


FEBRUARY 14, 2016 /OROMOO FI OROMIYAA

 Ilmaan oromoo damee lama(2)


1- Boorana
2-Bareentuu
Booranni Ilmaan 12 dhale
Isaanis
1-Wallagga
2-Callabba
3-Goree
4-Goofaa
5-Sidaamoo
6-Arii
7-Dacee
8-Garrii
9-Guraa
10-Giriirraa
11-Naayroobii fi
12-Gujii
Bareentuun Ilmaan 5
dhale
1. Xummuungaa
2-Murawwaa
3-Karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qal’oo
Xummuungaan Ilmaan 3 dhale
1-Arsii
2-Asoosaa
3-Hawaasaa
Murawwaan 1 dhale
Innis:- Ituudha jedhama
Ituun 10 dhale isaanis:–
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee
Karrayyuun Barentuu
Ilmaan 12 dhale
1-Dullachaa
2-Abbichuu
3-Gonbichuu
4-Sayyuu
5-Oboo
6-Oborii
7-Jiillee
8-Bullaalla
9-Mucee
10-Galaan
11-Salaalee
12-Wallo
Hunbannaan Ilma 1 dhale
Innis:-
Anniyya jedhama
Anniyya 7dhale
1-Malkaa
2-Baabboo
3-Dinbii
4-Baaduu (biduuu)
5-muci
6-Naannaa’a
7-kudheedhee
Qallo 4 dhale
1-Ala
2-Daga
3-Oborraa
4-Baabbile
Ala 12 dhale
1-Abbayi
2-Nuunnu
3-kaaku
4-Buubbu
5-Diiramu
6-Abbaadho
7-Goollo
8-Eeri
9-Utayyu
10-Galaan
11-Meettaa
12-Arroojji
Daga 3 dhale
1-Noolee
2-Jaarsoo
3-Huume
Oborraan 3 dhale
1-Akkichu
2-bil’I
3-Dooranii
Baabbile 3 dhale
1-Gantuub
2-Hawiyyaa
3-Hawaasilee
Arsiin 2 dhale
1-sikkoo
2-mandoo
Sikko 5 dhale
1-Bullaalla
2-Wucaale
3-wooji
4-Jaawwi
5-Ilaannii
Mando 7 dhale
1-Raayituu (Raa’idoo)
2-Hawaxxuu
3-Karaara
4-karrayyuu
5-Meettaa
6-Arroojii
7-Garjeeda
Akkichuu Oborraa ilma 2
dhale
1-Dhaayi
2-Biliidaa
Dhaayi 3 dhale
1-Dukkoo
2-Kooyee
3-Allaatayya
Billiidaan 3 dhale
1-Godaanaa
2-Busaa
3-Allaa
Gujiin Boorana 3 dhale
1-Hookkuu
2-Uraagaa
3-Matii (maatii)
Hookkuun 7 dhale
1-Galalcha
2-Oborraa
3-Michille
4-Heeraa
5-Bundhituu
6-Kinnoo
7-Baallaa
Uraagaan 6 dhale
1-Goolloo
2-Hallaa’oo
3-Agantuu
4-Daraartuu
5-Sarboortuu
6-Waajituu
Maatiin 3 dhale
1-Hirqaantuu
2-Linsoolee
3-Hunde …,itti fufa…….

_________________________________________________________________
Share this:

 Twitter
 Facebook

Related
Labsiin Muddamaa Lammiilee hedduu Lubbuu baase|SimarsanNovember 7, 2016In "Oromiyaa"
Qabsoo Uummata Oromoo Marsaa Hawaasaa fi Nam-tokkeetu Dhale Miti |SimarsanNovember 12, 2016In
"Adda Bilisummaa Oromoo (OLF)"
Waamicha Gabaabaa Ilmaan Oromoo Miseensotaafi Deeggartoota OPDO Hundaaf |SimarsanJuly 27, 2017In
"Adda Bilisummaa Oromoo (OLF)"
Categories: Oromiyaa

Post navigation
“ኦሮሚያ የኦሮሞ ናት” የሚለው ሐይለ ቃል ብዙዎችን ለምን እንዳነጋገረ ግልፅ አልሆነም፡፡

Qe’ee keenya kottaa ilaalaa!

5 Comments

1.

Temesgen shasho
JULY 28, 2016 — 4:57 PM
sanyii keenyas itti haa lakkofne galfannukaa! Moonenus(Tamasgen shasho);Tadasa
waaree ;Barii siidaa:Goobee:Timtee karrayyu Jarsoo Muxaa ;lalii oboo:- ilmaa
karayyuti ;karrayyuun;=Bareentuu*=oromoo

Like

2.

sanyi dammasaa
MARCH 21, 2017 — 11:23 AM
Hortee boraanas nu ibsaaa

Like

3.

Yonisan Tsega
AUGUST 25, 2017 — 9:25 AM
Galatoomaa!
Like

4.
Abdellah
JUNE 14, 2019 — 11:08 PM
Bareedaa garuu wanii hafuu hedduu jira. Qorannoo itti fufaa haala Qubsumaa walin barreessa
qabatama lafarraa jirun walin mul’achuu qabdii qoqqodamisii lafa

Like

1 Pingback
1. DAMEE HORTEE OROMOO! | BIIFTUU OROMIYAA
Leave a Reply
Reply
Website Powered by WordPress.com.

alle Michael
~ Hirna
Search:

Hortee Oromo Hararghe by Jalle Michael

21 Saturday May 2016

POSTED BY JALLEMICHAEL IN UNCATEGORIZED


≈ 1 COMMENT

HORTEE OROMO HARARGHE


የኦሮሞ ሐረርጌ ዝር ሀርግ
THE OROMO OF HARARGHE SUB DIVISION.
{Jalle Michael }
Oromoon ilmaan lama dhale.
Isaanis:-Borannaa fi
Bareentoo dha.
– Booranni ilmaan 12 dhale.
– Bareentoon ilmaan 5 dhale.
Araaf Hortee Oromo Hararghe tan Barentumaa irraa dhalate laalaa.
Hortee Oromo sadeen Hararghe jiraatan tan Bareentoon Akaakoo ta’uuf Enyu Enyu irraa
akka dhalatan tokko tokkoon haa laaluu.
Bareentuun Ilmaan 5 dhale.
1. xummuungaa
2-murawwaa
3-karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qal’oo dha.
Duuba arra bu’urra Oromo Hararghe kan ta’an Gosa sadeen Ittuu, Qalloo fi Aniyaa dha.
Haaluma kanaan Ittuun kan arra Hararghe lixa (Chercher) jiran Baka bu’uudha. Qalloo fi
Aniyaan imoo kan Hararghe Bahaa Bakka bu’aniidha. Isaan keessa kan baayina qabu Qalloo
dha. Gosa afur gurguddaa waan if jalaa qabduuf “Afran Qallo” ja’ame yamama.
….
Horteen Oromo Hararghe 3 ilmaan Bareentoo irraa dhalatan. Ilmaan Bareentoo SHANAN
keessaa kan Hortee Oromo Haraghee dhalan sadii dha. Isaaniis:-
1- murawwaa
2- Hunbanna
3- Qal’oo
—-
1- Murawwaan ilma 1 dhale
Innis:- Ituudha jedhama
Ittuun tan Lafa amma Hararghe lixa yookiin Chercher irraa jiraatu dha.
Ituun 10 dhale isaanis:-
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee dha.
Hararghe lixa (Chercher) kan Qubatan Ittuu dha. Oromoon Ittuu Gosa kudhan qabdi.
Isaanis:- Babboo, Baayuu, Adooyo, Algaa, Gadullaa, Gaammoo, waayyuu, wachaalee fi
warra Qaallutti. Gaaffa Durii Oromoon Ittuu tokko tokkoon isaani “ONA” akka qaban
manguddoon Oromo ni dubatu. Fkn
– Tan arra Annaa bokee ja’amtu “ona” Gosa Baayyuutti.
– Hardim kaasee Bordadee hamatuun hanga awash “ona”Gosa Arroojiitti.
– Balbaletti ka’ee Galamsoon hamatuun hanga waacuutti “ona” Gosa Qaalluutti.
– Karra QurQuraa ka’ee Badessa hamatuun hanga Qunnitti “ona” Gosa Baabbottii.
– Tan arra Annaa chiro ja’amtu “ona”Gosa Wacaalleetti.
– Hirnitti “ona” Gosa Algaatti.
Duubii tenya irraatti namni tokko tokko Bakka Gosa Wacaallee ” ileelee” busuudhaan akka
Gosa Ittuu ja’an garu kuni dogongora.
****
2-Hunbannaan Ilma 1 dhale
Innis:-
Anniyya jedhama
Anniyya 7dhale
1-Malkaa
2-Baabboo
3-Dinbii
4-Baaduu (biduuu)
5-muci
6-Naannaa’a
7-kudheedhee dha.
Oromoon Aniyaa Gosa torba qabdi. Gosti torban Gosa lamaan “Sadachaa” fi “kudhaalee”
irraa dhalatan.
– Sadachaa ilman Sadi qaba isaaniis: Baabboo, Malkaa fi Danbii dha.
– Kudhaalee ilman afur qaba isaanis: Bidduu, Anaa, kooyyuu fi macaa dha.
Akka Qorannootti Sadachaa fi kudhaalee jartoota Aniyaatti isaantu torban ilman Aniyaa
dhale dhale ja’an qorattoonni.
Haa ta’u garu Sadachaa fi kudhaalee akka (confederacy) tti fudhachuu qabna.
****
3-Qallo ilmaan 4 dhale.
1-Ala
2-Daga
3-Oborraa
4-Baabbile dha.
– Ala 12 dhale
1-Abbayi
2-Nuunnu
3-kaaku
4-Buubbu
5-Diiramu
6-Abbaadho
7-Goollo
8-Eeri
9-Utayyu
10-Galaan
11-Meettaa
12-Arroojji
– Daga 3 dhale
1-Noolee
2-Jaarsoo
3-Huume
– Oborraan 3 dhale
1-Akkichu
2-bil’I
3-Dooranii
– Baabbile 3 dhale
1-Gantuub
2-Hawiyyaa
3-Hawaasilee
Gosti Afran Qalloo “OBORAA” ( OBORAA awraja dur – jachuun ummatta Barooda fi Qarsa
jidduu jiru kan hamatuu dha).
“DAGAAN” ( qarsa ka’ee magaala Harar garra kaabbattiin fi garra kaabba bahaa
xuquudhaan hanga jarso fi chinaaksan ummatta jiru kan hamatuu dha).
“BABILEE” ( magaala Harar garra Bahaattiin ka’ee hanga jigjigaa ummatta jiru kan hamatuu
dha).
“ALLA” ( fadis fi awraja dur Gaarra mul’ata akasuma Gamoojii ummatta jiru kan hamatuu
dha.
============\\===========
Jalle Michael

File:Seenaa fi Hidda Latinsa Oromoo Harargee.jpg


 Language
 Watch
 Edit
Size of this preview: 399 × 600 pixels. Other resolutions: 160 × 240 pixels | 319 × 480 pixels | 511 × 768
pixels | 681 × 1,024 pixels | 1,363 × 2,048 pixels | 2,832 × 4,256 pixels.

Original file (2,832 × 4,256 pixels, file size: 525 KB, MIME type: image/jpeg); ZoomViewer
File information
Structured data
CaptionsEdit
English
Add a one-line explanation of what this file represents

Summaryedit
Description Oromoo: Gosoonni Oromoo
kan Ilmaan bareentummaa
tahan keessaa kan harargee
keessa jiraatan ilmaan
Humbannaa/Aniyyaati
isaaniis ilmaan sadan
Sadachaa Baabboo ,Malkaa fi
Danbee jedhamuun yammu
beekaman ilmaan Afran
kodheellee immo Biduu,
Annaa, macca fi Kooyyee
jedhamuun beekaman.
ilmaan Afran Qalloo immoo
Afran ilmaan Qalloo yammuu
tahan isaaniis Oborraa,
baabbile,Dagaafi Ala
jedhamuun beekaman.

Akkasuumaas Guutuu
Harargee lixa qabatanii kan
argaman Ilmaan
Murawwa/Ituu jedhamuun
kan beekaman yammuu tahu
walumaaa galatti Gosootni
kuniis dhuma Jaarraa kudha
lammaffaa dura jalqanii
seeraa gadaa tokkoon Odaa
Bultum jalatti waggaa dhibba
hedduuf of bulchaa turuu
isaanii seenaan barreeffamaa
adda addaa ni ibsa.

Hiddi laatinsa Oromota


Harargee akka kanaan gadiitti
tarreeffamu Marawwaa (Ituu)

Afran Mana Ituu 2. Shanan


Mana Baabboo

1/ Afran Mana Ituu

Adaayyoo Arroojjii Waayyee


Baayee 2/ Shanan Mana
Baabboo

Baabboo Algaa Galaan Warra


Gaamoo

Humbannaa Anniyyaa Sadan


Sadachaa Afran kodheellee
Baabboo Malkaa Danbee
Biduu Annaa macca Kooyyee

Qalloo Oborraa Baabbilee


Dagaa Alaa

Oborraa Dagaa Akkichuu `


Bilii Dooranii Yaasaa
Booranii Mangaadhaa Xaayee
Gorbee Kuraa Hinee Yaasaa
Guutaa Guttayyuu Abbichuu

Baabbilee Areelee(1)
Heeban(3) Hawwiyyaa(2)
Girii Dooyyoo 1. Fagaroo 1.
Gundhabee Waalee Waajaroo
Lubaayaa Goonaa 2. Karaalee
Baabboo

Haagloo

Maayaa (7) Alii Usmaan


Boonayaa Dooranii Hagaloo
Tudhaa Miyyii 3/ Dagaa

Noolee Jaarsoo (6) Huumee


(12) 1/ Haleelee 1/Oromoo 1/
Sirgaalaa 2/ Muchaa 2/
Dawwaaroo 2/ Duudaa 3/
Oromoo 3/ Dhangaa 3/ Warra
Daay 4/ Walaabuu 4/ Badii 5/
Warrasay 5/ Oboo 6/ Ogaa 6/
Asaboo 7/ Ibsoo 8/ Onaayaa
9/ Alii 10/ Noolee 11/ Guyyee
12/ Busa 4/ Alaa (12)

Abbaadhoo (4) Abbayyii (4)


Gutayyuu (4) Arroojjii (7)
Tuulama 1. Kodhallee 1.
Yaasaa A) Sadeen Oboo
Sirbaa 2. Amuumaa 2.
Kuutayyaa 1. Baachoo Kuraa
3. Diiramuu 3. Guuleee 2.
Balaalo 4.maayaa 4. Sobaalee
4.yaayya 3. Doogu B) Afrab
Jamjam 1) Diimaa 2) Bonee
3) Waayyuu 4) Abbaadhoo
Alaa

Nuunnuu(4) Goollo(3) Galaan


(3) Buubbuu (3) 1, Baabboo
1, Maaruu 1, Dambee 1,
Aliimoo 2, Jiddaa 2, Hurratii
2, Iluu 2, Diramuu 3, Itayyaa
3, Jiddaa 3, Morowwaa 3,
Kutaayyee 4, Biliidaa Alaa

Kaakoo (4) Eree(3)


Diiramuu(4) Meettaa(8)4n
baddaa 4n Lagaa 1, Hariroo 1,
Dooguu 1, Oyloo 1, Ariyaa
5.Maaru 2, Dullachaa 2,
Baaduu 2, Corroqoo 2,
Buunnii 6.Dullacha 3,
Dhanqaa 3, Buraaqsaa 3,
Abuunni 3, Daada 7.Biyyoo 4,
Adaanoo 3, Abuunni
4,Ooyloo

8.Dimmaa Weeyrara
Alagaatiin Dura Ittiin
Bulmaata sirna Gadaa Raabaa
fi Doorii Oromoota Harargee
Bara sirna gadaa kana
keessatti abboottii gadaa
lakkoofsan hedduu ta’aniitu
teessoo isaanii Odaa Bultum
godhachuun Oromoo
Harargee bulchaa turan
keessaa akka fkntti Abbaa
gadaa Jaarraa
Mardiidaa/1193-
1200/,Roobaa Dhungataa
/1201-1208/,Roobaa
Gaamoo/1209-1216/ Roobaa
Gobeellee/1217-
1224/,Dooyyoo
Daarimuu.1225-1232/ fi
Harhar Hargaya/1233-1241/
jalqaba irratti warreen
eeramaniidha

Haata`u malee lakkoofsi


namaa fi horii
hedduummaachaa waan
dhufeef gosoonni Oromoo
kun lafa baballifachuuf gargar
fagaatanii qubachuu jalqaban.

Akkaata kanaan Oromoon


Afran Qalloofi Anniyyaa gara
bahaa godaananii lafa bal’aa
qabatanii jiraachuu jalqaban.
Iddoon qubatanii jiratan Odaa
Bultum irraa baay’ee fagaatte.

Sababa fageenya kanaan


seeraafi bokkuu tokko jalatti
buluun baay’ee ulfaataa
dhufe.

Rakkina kana furuuf gosoota


Orommo gara bahaa
socho’anii qubatan keessa
tokko kan ta’e Oromoon
Afran Qalloo Jaarraa 18ffaa
keessa konfodereshiinii Afran
Qalloo jedhamu hundeessuun
sirna gadaa mataa isaani
uummatanii ittin of bulchuu
jalqaban.

Sirni gadaa ilmaan Afran


Qalloo hundeeffatanii ittin
bulaa turan kun Raabaa
Doorii jedhama.

Teesson gadaa Raabaa Doorii


afran qalloo Mooraa Fugug
bakka Buluuloo jedhamtutti
yammuu tahu Buluuloon
Aana Qarsaa naannoo
Magaalaa waatar jedhamtu
cinaatti argamti.

Korri caffee gadaa Raabaa


Doorii walgahii isaa waggaa
saddeet, saddetiin
gaggeeffata.

Hirmaattoonni kora caffee


gadaa Raabaa Doorii kuniis
dhiibbaa tokko malee bilisaan
yaada isaanii dabarfatu.Korri
yaa’ii caffee kun gosa hunda
walqixxummaan hirmaachisee
nageenyaa fi tasgabbii
ummataa kabachiisaa tureera.

Kana malees, sababa bishaan


dhugaati fi lafa margaatin
walitti buinsa gosa jiddutti
uumamaa ture furmaata itti
keennuun nageenyaa ummata
jiddutti buusaa ture.

Sirni gadaa kun


Aadaa,duudhaa,afaan,seenaa
fi Amantii saba Oromoo akka
hin banne eegee dhaloota irra
dhalootatti akka dabru
taasisuun guddina Aadaa fi
eenyuummaa oromootif gahee
bahaa ture. Gama biraatin
gosoonni Afran Qalloo hundi
bulchinsa Raabaa Doorii kan
mataa ofii qabaachaa turan.

Bulchinsi kunis kora caffee


Raabaa Doorii gosaatin
hogganama.

Korri gosaa kan rakkoolee


xixiqqoo gosa jiddutti
umamtu furmaata itti kennuun
nageenya hawaasaa tiksu
Raaba jedhama.

Haata’u malee rakkoolee


gurguddoo gosa jiddutti
uumamtu ilaaluuf kan aangoo
qabu kora caffee gadaa Doorii
jedhama.

Bulchinsa gadaa Afran Qalloo


keessatti qaamni aangoo
guddaa qabu Caffee Gadaati.

Gara biraatiin Raabni


bulchinsa gadaa yoo ta’u

Dooriin waraana
gadaati.Hojiin waraana doorii
diina ummata irra ittisee
nageenya hawaasa Oromoo
tiiksuudha.

Ajajaan waraana doorii Abbaa


Duulaa jedhama.

Haata’u malee, qaamni


waraana labsuuf aangoo qabu
Caffee Raabaa Dooriiti.

Hoggantoonni sirna gadaa


raabaa doorii karaa
dimookiraasiitin ummatan
filamanii waggaa
saddeet,saddeetin aangoo
walif dabarsaa biyya bulchaa
turan..

Gama kaaniin gosti Oromoo


Anniyyaa Jaarraa kudha
saddeetaffaa irra eegalee
Caffee Gadaatin of bulchaa
turuu isaani seenaan
manguddoota oromoo irra
argame ni ibsa.

Akka manguddoonni kunneen


jedhanitti teessoon caffee
gadaa Oromoo anniyya Diida
Anniyyaa ykn Burqaa Tirtiraa
jedhamti.

Miseensota hoggansaa kora


caffee Gadaa Raabaa fi Doorii
akka kanaan gadiitti
tarraa`aniiru. Abbaa
Fugug(Abbaa Gadaa) –
Presidenti Abbaa Bokku – Itti
Aaanaa-Presidenti Abbaa
Chaffe – Waliitti Qabaa kora
(Chaffe) Abbaa Dubbi – Kan
Dubbii Ykn Dhimmoota
Uumaman akka murtii
Argataniif kora caffeetiif
dhiheessu Abbaa Seera –
inniis nama heeraa fi seera
sirritti beeku fi akkasumaas
heeraa fi seera kana kora
caffeetiif kan ibsuudha

Abbaa Alanga – Inniis


dhimmoota umameef murtii
gitu kora caffeettiif kan himu
Abbaa Duula – Ajajaa
waraanaatti Abbaa Sa’a –
qabeenya kan toohatu
Hoggansi kora caffee kun
Aadaa, seenaa,afaan fi safuu
hawaasa beekuufi akka hin
tuqamne tiksuuf dirqama
qaba.

1.Hiikkaa Gadaa

Gadaan waan jecha tokkoon


himamuu miti.

Kana jechuun gadaan hiika


hedduu qaba jechuudha.

Innis akka armaan gaditti


ibsama. Gadaan sirni ittin
bulmaataa Oromooti Gadaan
maqaa waliigalaa kan ittin
bulmaataa dimookiraatawaa
taheedha.

Sirna dimookiraasii hayyoota


Oromootiin uumameedha.
Sirni gadaa heera saba
Oromoo guutuu kan siyaasaa,
dinagdee fi hawaassummaan
sabichaa ittin murteeffamuu
dha.

Kan miseensi sabichaa mirgaa


fi dirqama isaa beekee itti
walii galu wabii tokkummaati.
Gadaan sadarkaa umriiti Sirni
gadaa sirna dhalli Oromoo
hoodaa fi itti gaafatama adda
addaa kan itti qabatanii dha.

Hojiileen raawwatamu hundi


sirna gadaan walitti hidhata
qaba.

Kana jechuun gadaan sirna


aadaa, seenaa, afaan,
hawaasummaa, dinagdee
Oromoo irratti hundaa’ee
ijaarame jechuudha.

Dhallii oromoo sadarkaa


umrii waggaa saddeet
saddeettin tokko irra gara
biraatti dabraa bara
saddeetama booda sadarkaa
gadamoojjii /kudha tokkoffa
irra gaha.

Namni tokko sadarkaa gadaa


tokko keessa bara saddeet
qofa tura. Yeroo sadarkaa
gadaa tokko irra kan biraatti
cehu sirna adda addaatuu
raawwatama.

Sadarkaaleen gadaa kunis


akka armaan gadiitti dhihaatu.
2. Sadarkaalee Gadaa
maxxaarii (0-8) Sadarkaa kun
sadarkaa daa’imaati Daa’imni
sadaekaa kana keessa jiru
rifeensi isaa hin haadamu
Daa’imni tokko yeroo
sadarkaa kana hulluqu maqaa
arkata.

Maatiin daa’iman sadarka


kana keessa jiran qaban yoo
aannan hin qabne gosaatuu
keennaf.

Daa’imni sadarka kana keessa


jiru hamtuufi toltuu, firaa fi
alagaa addan baasuuf fa’a.

kana malees hibboo fi seenaa


akaakkayyuu fi abaabilee isaa
irra barata. Akkasumaas,
gaggeessa paartii gaafa
dhalatan taayta irra ture waliin
akka miseensaatti fudhatama.

Sadarkaan kun Oromoo Ituu


biratti maxxaarrii jedhama.
Ruubaa/Itti makoo (9-16)
Daa’imni tokko yeroo
sadarkaa kana seenu rifeensi
irra haadamee booda ayyaanni
qophaahee keennaan gabbisaa
/goramsa tokko/ keennameefii
sadarkaa itti makkootti seena.

Yeroo kana hammachiifamee


maqaan baafamaf.

Guyyaa kanarra eegalee


maqaan kanaan beekkama.
Ijoolleen sadarkaa kana
seenani bara afur booda
gaammaa haaddatanii, roggee
filatan

Gahee hojii isaanii Bishaan


daakuu, farda gulufsiisuu fi
sirba fi geerarsa baratu.

Kanamalees hidda sanyii


isaanii, hojiitiksaa, adamoo,
ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu
baratu.
Akkasumaas , siyaasaa
(mirga, dirq

ama, seera) fi hawaasummaa


baratu.

Dhumma irrattis ayyaana


ijoollee kan tabooree jedhamu
hiriyaa isaanii walin kabaju.

Sadarkaan kun – Boorana


keessatti – Gammee xixiqaa
jedhama

Goobama/Dabballee (17-24)
Da’imni sadarkaa Ruubaa
keessa dabree sadarkaa
goobamaa ykn dargaggoo
keessa seena.

Gahee hojii Leenjii waraanaa


baratu Biyya irra deemuun
sirba saban wal baru Yeroo
gadaan buttaa qalu
goobamaatuu korma kuffisee
qabaaf sadarkaan kun
bakkoota adda addaatti maqaa
adda addaa qaba.

Tuulama – Foollee Borrona –


Gammaa Gurguddaa Gujii –
Kuusaa Afran Qalloo –
Goobama Raaba/Foollee (25-
32) Namni tokko sadarkaa
gobama keessa bahee
sadarkaa raabaatii seena.

Sadarkaan kun sadarkaa


loltummaattii.

Namni sadarkaa kana seenee


waraana taha jechuudha.

Sirna gadaa keessatti murni


kun murna loltuu ture.

Namni umriin isaa sadarkaa


kana seenee hundi loltummaa
tahuuf dirqama qaba.

Gahee hojii Raabaa Leenjii


waraanaa baratanii yeroo
diinni biyya weerare meeshaa
waraanaa kan akka xiyyaa,
eeboo, gaachanaa fi fardaan
duulanii diina ofiirra deebisu.

Dhimmoota biyyaan wal


qabatan barachuu jalqaban.

Sadarkaan kun bakka adda


addaatti maqaa adda addaa
qaba.

Kunis Booranatti – Kuusaa


Tuulamatti – Qondaala
Gujiitti – Raabaa Afran
Qallootti – Raabaa jedhamu
Doorii (33-40) Sadarkaan kun
yeroo itti ilmaan kormaa
aangoo qabachuuf qophii
barbaachisu itti godhaniidha.

Haalii hojii isaanii warra


biyya bulchan waliin waliitti
hidhata qaba.

Gahee Hojii Doorii Bakka


warri gadaa itti murtii seeraa
keennan rakkoo gosaa
ilaalanii fi marii adda addaa
godhanitti argamanii seea
baratan.

Manguuddoo biyyaa irraa


aadaa, seenaa, amantii, fi
seera baratan. Yaa’ii caffee
gadaarratti hirmaatanii duudha
bulchinsa gadaa baratan.
Rakkoolee xixiqqaa uumamte
furanii muuxannoo hojii
horatan. Biyya keessa
deemanii ummatan wal baru.
Sadarkaan kun bakka adda
addaatti maqaa adda addaa
qaba.

Kunis :- Booranatti – Raabaa


Doorii Tuulamatti – Luuba
Afran Qallootti – Doorii
/Raaboodoorii/ Gujiitti –
Doorii jedhama.

Waluma galatti sadarkaan


doorii kun yeroo itti ilmaan
kormaa aadaa, duudhaa,
seenaa, safuu, seeraa fi heera
baratanii angoo qaphachuuf
itti of qopheessaniidha.

Gadaa (41-48) Sadarkaan kun


yeroo ilmaan kormaa aangoo
siyaasaa itti qabatanii biyya
bulchanii dha.

Kana malees yeroo seera itti


seeraa ilaalanii rakkoo gosaa
furaniidha. Akkasumas
abbaan gadaa biyya bulchu
yeroo kana filamee hojii
mootummaa godhaa itti
jalqaba. Sadarkaan kun bakka
adda addaatti maqaa adda
addaa qaba.

Innis :- Booranatti – Gadaa


Gujiitti – Gadaa Tuulamatti –
Luuba Arsiitti – Luuba

Waluma galatti sadarkaa


gadaa kana keessatti biyya
guutuu keessa deemanii
rakkoo dinagdee, hawaasaa,
siyaasaa fi waraanaa furuuf
itti gaafatama qaban. 7.Abbaa
Bokkuu(49-56). 8.Abbaa
muudaa(57-64) 9.Hayyuu(65-
72) 10.Gada Mooji(73 -80)

Sadarkaan kun yeroo murni


duraan aangoo irra ture
aangoo itti dabarsu keennuun
aangoo irra buhuudha.
Manguddoonni yeroo aangoo
isaanii fixan akka angafootti
ilaalaman.

Abboottii Gadaa aangoo irra


jiran gargaaran ykn gursu. 3/
Gadaan maqaa miseensoota
paartiilee gadaati.

Gadaan oromoo shani ykn


gaggeessa gadaa shan qaba.
Gaggeessa gadaa jeechuun
miseensa paartiilee siyaasaa
jechuudha.

Gadaan tokko waggaa saddeet


qaba.

Gaggeessi tokko waggaa


saddeet biyya bulchee kan itti
aanuuf aangoo keenna.

Abbootiin gadaa waggaa


saddeet saddeetiin aangoo
waliif dabarsu. Waggaan
saddeet gadaa tokko maqaa
mataa isaa qaba.

Kunis gaggeessa ykn


miseensa gadaa jedhama.

Kunis bakka adda addaattii


maqaa adda addaa qaba.

Boorana – Gaggeessa Gadaa


Tuulama – Miseensa Gadaa
Ituu – Miseensa Gadaa Arsii –
Miseensa Gadaa Gujii –
Baalii jedhama. 4.Marsaa
Gadaa

Gaggeessi gadaa tokko


tartiibaan deemee kan
jalqabaatti yoo deebi’u marsaa
tokko tahu.

Kunis Marsaa Gadaa


jedhama. Gaggeessi gadaa
tokko waggaa 40 booda bakka
isaatti deebi’a ykn aangoo
qabata.

Ilmaan gadaa moojii warra


gadaati. Kana jeechuun
abbaan gadaamoojii yoota’u
ilmi isaa abbaa gadaa ta’a.

Gaggeessa Gadaa Afran


Qalloo Hormaata Sabbooqa
Dibbeessa Fadataa Daraaraa
fa’a.

Gaggeessii kun tartiibaa


marsaan gadaan yoo mul’atu
kan armaan gadii

fakkaata. Sabbooqa

Hormaata Dibbeessa

Daraaraa Foodataa Waluma


galatti gaggeessi gadaa 5
marsaa gadaa tokko tahu.
Tartiiba yeroo idileetiin yoo
laallu jireenya namaa tokko
keessa marsaa gadaa lamaatu
jira.

Isaaniis

Marsaa duraa – Gadaa Abbaa


Marsaa Boodaa – Gadaa
Ilmaa Dhalii oromoo tokko
guyyaa itti dhalatee eegalee
hanga umrii waggaa (80)
miseensa paartii gadaa tokko
tahee jiraata Kana jechuun
abbaa fi ilma jidhuu
garagarummaa umrii waggaa
40 jira.
————————————
——————- Ababoota
laamishaahuu fi Guutummatti
dhababmuu sirna Gadaa
Raabaa fi Doorii Ittin
bulmaatni Mootummaa
Raabaa fi Doorii Harargee
Kuniis laamshaahuu kan
eegale .

Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa


sababa Abbootiin Gadaa
Rabaa fi Doorii tokko tokko
Amiirota hararii waliin
hariiroo Fuudhaa fi Heeruma
uumuu dabalatee Amirota
Harararii gosa orommoo
lallabachuu barbaadaniif akka
gosti moggaafamtuuf godhan
booda.

Adeemsi kuniis muudamni


Abbaa gadaa akka duraatti
kan heeraafi seera sirna gadaa
eggatee deemu osoo hin taane
Angoon abbaa Gadaa maatii
irraa gara maatiitti akka
darbuuf xurree saaqe.

Sababnii bara hariiroon kun


uumamu Angoon Amiirota
kan warra maatii tookko waan
tureef Aboottiin Gadaa raabaa
fi Dooriitiis Adeemsa kana
dhaaluu jalqaban fkn Amiir
Ali ibn Da’ud kan bara(1647-
1661)bulchaa ture irraa
eegalee hanga Amiiraa isa
dhumaa Amir Abdullahi ibn
Muhammed kan bara(1885-
1887)harar bulchaa turetti
Amiirumaan Abbaa irraa gara
ilmaa ykn obboleessa irraa
gara obboleessaattii dabraa
turte.

Gara oromootiinis Abbootiin


Gadaa adeemsa kanan bulchaa
turan akka fkntti Ballaa
Buubaa ,Caammaa
Nuur,kormooso,wadaay
galmoo faan isaan muraasa.

Adeemsa fuudhaa fi
heerumaatiin walqabatee Ali
ibn Da’ud kan bara(1647-
1661)bulchaa ture niitiin issaa
oromo Anniyyaa yammuu
taatu Amiir muhamad
kan(1866-1875)Harar bulchaa
ture nitiin isaa oboleettii
koormoosoo kan abbaa gadaa
afrn qalloo ture yammuu taatu
inniis kudha lamaana alaa
keessaa gosa warra
Abbaadhooti.

Akkasumaas kormoosoos
intala Amir Abdul Karim
(1825-1834),kadja tan
jedhamtu fuudhee akka ture ni
himama.

Gara biraatiin naannoon


Oromiyaa Bahaa tun Afaan
qawwee weerartoota Arabaa
jechuun Mootummaan Turkii
fi Mootummaan Misraatiin
A.L.A bara (1875-1885)
Weeyraramuun ittiin
bulmaaatni sirna Gadaa
Raabaafii Doorii Oromoota
hararg kun daran akka
laamishaahu ta`e.

Adeemsa kanaaniis
Weeyrartoonni kun bakka
Abbootii Gadaa Duursitoota
Gosaa gosoota oromoo kan
naanno kana jiraatan keessaa
filanii Maqaa
Damiina,Garaada fi Malaaqa
jedhamu moggaasuudhaan
angoo kennaniifi akka
adeemsi ittiin bulmaaata sirna
Gadaa sabni kun ittiin
walbulchaa ture dadhabu
taasisan.

Dhuma irrattis Sirni Gadaa


boonsaan Oromoon ofii
kalaqatee ittin of bulchaa ture
Kun xumura Jaarraa 19ffaa
keessa weeyrara
nafxanyootaatiin guutuutti
Barbadaahuu isaa yaadannoo
kaleessaatti.

Xumura

Akukuma jalqaba irratti ibsine


sirni Gadaa sirna Dhimma
jiruu fi jireenya ummata
Oromoo fuula hundaan kan
ilaalu sirna siyaasa, aada
diinagdeefi amantiiti.

Akkaataan jireenya maatii,


fuudhaafii heerumaa,
hariiroon uumaa, Akkaataan
qabannoo qabeenyaa itti loon
bobbaasan, ,akkaataan itti
qabeenya horatanii dhimma
ittiin bahan hundi aadaa
Gadaa keessatti bakka olaanaa
qabu. Namuu qabeenya mataa
isaa irratti mirga guutuu qaba.

Akkaataan baasiin gumaa,


adabni seeraa cabsanii fi
sababa biraalleeofitti makanii
itti waliin jiraatan hundi aadaa
sirna kanaantiin gaggeefamu.

Akka bara saniitti eenyulleen


aadaa kana nifudhata.

Murtiin adabbii yoo irratti


dabrellee namni sun beekeeti
eegumsa tokko malee, taa’ee
adaba isarritti raaw’atamu
eeggata.

Aadaa kanaa ala bahuun,


badiidha, namuu aadaa tahuu
isaa waan beekuuf sirna
Gadaa keessa jiru osoo
keessaa of hinbaasin kabajee
jiraata.
Walumaa galatti sirni Gadaa
sirna tokkicha ilmaan Oromoo
hundi ittiin wal-bulchaa ture
har`a addunyaa biratti
fudhatama argachuun Galmee
UNESCO irratti Galmaa`e
waan ta`eef sirna kanaan yoo
har’a wal-bulchine
tokkummaa Oromoo
gutumaan guutuutti
mirkaneessuu bira dabree
eenyummaanb Saba Keenyaa
daran Addunyaa irratti akka
beekamu taasisaa.

kanaafuu sirna miidhagaa


sabni keenya ittiin walbulchaa
ture kan gita bittaan
nafxanyaa akka awwaalamu
taasise ture kana iddoo
jalqabaatti deebi`ee akka
dagaagu gochuuf ga`een
tokkoo tookkoo abbaa aadaa
kan ta`e saba oromoo irraa
eegamu ol`aanaa waan taheef
gumaachi yaadaa fi
beekumsaa nuti gumaachinu
eegala dhuma hin qabneedha

Date 13 July 2017

Source Own work

Author Studio Mijuu Dilbata

owy

You might also like