Professional Documents
Culture Documents
Idiom in Afaan Oromo
Idiom in Afaan Oromo
-“Koomee irra nama dhaabbachuu/ijaajjuu“, its literal meaning is to stand on someone’s heel,
but its exact meaning is to make one hurry up.
-“Quba qabaachuu“, its literal meaning is to have a finger, but its exact meaning is to have an
idea about somebody or something.
11. ” Arraba dheerachuu ” – jechuun, nama itti darbuu, nama tuquu jechuudha.
Fakk. Wez. Amelewerk baayyee arraba dheeratti.
14. ” Abidda fi cidii ta’uu ” jechuun, caalaatti walitti hammaachuu, farroomuu jechuudha.
Warra duraan fira turantu abidda fi cidii walitti ta’e.
17. “ Aduu duummessaa baate ta’uu ” jechuun, rakkinaa ega ba’anii hammaachuu
jechuudha.
Iyyeesi soorome akka aduu duummessaa baatee, nama hin ilaallatu.
19. ” Arraba lama dubbachuu ” jechuun, waan wal faallessu dubbachuu jechuudha.
Maali namichi hin saalffane kun, arraba lama dubbataa ?
26. ” Bishaan dhagaa irrati naqame ta’uu ” – jechuun, waa nama itti dhagaamuu dhiisuu
jechu.
Namicho, waa sitti himuun bishaan dhagaa irrati naquu jechuudha mitii ?
27. ” Bitaa nama itti galuu ” – jechuun, danqaa fi rakkisaa nama itti ta’uu.
Dubbiin bitaa isatti gale.
29. ” Boolla namaaf qotan ofii seenuu ” – jechuun, kiyyoo tokkoof kiyyeesan ofii lixuu
jechu.
Nami boolla namaaf qotu ofumaaf lixa.
30. ” Bishaan fi midhaan namaaf baasuu ” – jechuun, egeree gaariin namaaf ba’uu
jechuudha
Waaqayyo bishaan fi midhaan siif haa baasu.
33. ” Baala waa irra buusuu ” – jechuun, beekaa dubbii ukkaamsuu jechuudha
Aanga’ooti biiroo keessaa dhimma namaa irra baala buusuu jaallatu.
37. ” Bishaan waa itti naquu ” – jechuun, baala waa irra buusuu, dhiduu jechu.
Maaloo ati dubbii namaa itti bishaan hin naqiin.
42. “ Duruu durii…………….. ” – jechuun, isa durii caalaa fooyya’uu, ykn immoo
hammachuu jechu.
45. ” Dudda fi garaa ta’uu ” – jechuun, walidhabanii gama fi gamana goruu jechuudha.
Biyyooti lamaan dur dammaa fi aannan turan, amma dudda fi garaa ta’an.
47. ” Dubbiin morma nama ga’uu ” – jechuun, dubbiin guddatee daangaa irra ga’uu
jechuudha.
Dubbiin namicha buufa buufuu sun morma nama ga’ee jira.
48. ” Dubbiin funyaan nama ga’uu ” – jechuun, dubbiin guddatee daangaa irra darbuu
jechuudha.
Dubbiin namicha bubbisuu sun funyaan nama ga’ee jira.
50. ” Dubbiin bishaan inkoolaa ta’uu ” – jechuun, quubsuu dhiisuu, ga’aa ta’uu dhiisuu
jechuudha.
Sababi obbo Barkeessaan dhiiyeese hamma bishaan inkoolaati.
51. ” Ciimmaa qeerransaa ta’uu ” – jechuun, dhabamuu, yaallooti kan hin argamne
jechuudha.
Bara gandiin saawwa fixe, dhadhaan ciimmaa qeerransaa ta’ee ture.
52. ” Dhadhaa abidda bu’e ta’uu ” – jechuun, waan darbe, kan hin deebine jechuudha.
Wanti ati dubbatu kun hamma dhadhaa abidda bu’eeti. Raawwateera !
56. “ Foon lafa bu’e ta’uu ” – jechuun, dubbii lixuu, rakkina ofitti fiduu jechuudha.
Ofumaan dhaqxee foon lafa bu’e of goote mitii ? Amma argikaa !
61. ” Guyyaa saafaadhaan waa gochuu ” – jechuun, sodaa fi saalfii malee ifaadhumatti waa
gochuu.
Maal namichi utuma nami arguu guyyaa saafaan nama sobaa ?
62. ” Gufuu karaa irraa ta’uu ” – yeroo hunda namaan walitti bu’uu, walidhabuu
jechuudha.
Inni hamma gufuu karaa irraatii obsaa dhiisaa.
66. ” Gufuu fi gufaatii ooluu ” – jechuun, rakkina fi hamaan nama hanqachuu jechuudha.
Gufuu fi gufaatii malee bakka fedhan ga’uu.
67. ” Gabaa galte dhufuu/dhaquu ” – jechuun, ega waa darbee waa gochuu, dubbachuu.
Ega gabaan galtee atimmoo irribaa dammaqxe mitii ?
72. ” Haaduu doomaan nama muruu ” – jechuun, yeroo dheeraa nama rakkisuu, lubbutti
taphachuu.
Poolisiin sun fayila koo dhossee, haaduu doomaadhaan na muraa ture.
73. ” Hidda hin kunnee ” – jechuun, dadhabaa kan waa dhimma hin baafne jechu.
Obbo Qaxxiseen homaa waa hidda hin kutuu hin abdatinaa.
74. ” Hojii ofii nyaachuu ” – jechuun, hammeenyi hojjetame abbaatti deebi’uu jechu.
Namichi hammina akkasii kana hojjete, hojii isaa haa nyaatu.
79. ” Harka namaan abidda qabachuu ” – jechuun, nama biraatiin maayii ofii ba’uu jechu.
Harka namaan abidda qabachuun nama hin dhibu, nama hin rakkisu.
80. ” Haafa butuu ” – jechuun, kanas sanas walitti haranii haasa’uu, hojjechuu
Qaana’anii haafa butuu salphina guddaadha.
81. ” Harka nyaachuu ” – jechuun, kan nama gargaare deebi’anii miidhuu jechuu
Nami harka nyaatu nama birattis, Waaqayyo birattis cubbamaadha.
83. ” Hamma xurii qeensaatti fudhachuu dhiisuu ” – jechuun, tuffachuu, akka hin jirretti
fudhachuu.
Waa hunda hamma xurii qeensaatti fudhachuun gaarii miti.
84. ” Hamma nyaatanii dhugan waa gochuu ” – jechuun, qusii malee humna hamma
qabaniin fayadamuu
Obbo Karrayu hammuma nyaatee dhugu sangaa isaa rukute, abaare.
91. ” Ija kudhaamachuu ” – jechuun, saalfii dhabuu, ija hin fuunee ta’uu jechuudha.
Jara keenyaa kun ija kudhaamattekaa, takkaa hin saalfattu.
94. ” Jabbii hidhaa kutatte ta’uu ” – jechuun, gammadanii to’atamuu diduu jechuudha.
Ijoolleen uffata haaraa argatte jabbii hidhaa kutatte taati.
96. ” Kan qaban fi kan dhiisan wallaaluu ” – jechuun, waan godhan wallaaluu, rakkachuu
Nami rakkate waan qabu fi waan dhiisu hin beeku.
98. ” Lafeen lammii nama waraanuu ” – jechuun, seenaan nama gaafachuu jechuudha.
Nama ergaa seenaa irraa maqe lafeen lammii isaa waraanu.
99. ” Lafi namaan galagaluu ” – jechuun, waan godhan wallaalanii fajajuu jechuudha.
Magaalaa Finfinnee keessa badeen lafi gala naan gale.
100. “ Lafa irra nama butuu ” – jechuun, tursuu, dafanii raawwachuu dhiisuu jechuu
Warri biiroo keessaa lafa irra nama butu malee dafanii dhimma namaaf hin baasan.
102. ” Muka fi jirmatti bubu’uu ” – jechuun, hundaan wal dhabuu, walitti bu’uu
jechu
Nami machaa’ee muka fi jirmatti bubu’aa deema.
103. ” Muka fi baala waliin dha’uu ” – jechuun, tartiiba malee dubbachuu, hojjechuu
Mee muka fi baala waliin dha’uu dhiisiiti ibsii dubbadhu.
104. ” Muka baala jechuu dhiisuu ” – jechuun, dubbachuu, haasa’uu dhiisuu jechuu
Ani dubbicha dhaggefadheen muka baala utuun hin jedhin deeme.
108. ” Mataa fi miilla wallaaluu ” – jechuun, namaagaluu diduu, rakkisaa ta’uu jechu
Dubbii kee mataa fi miilla isaa wallaale.
112. ” Muka muka irraa ” – jechuun, kan wabii hin qabne, kan abdii hin qabne
jechuudha.
Wanti isaan dubbatan hundi isaa muka muka irraati.
113. ” Miilla tokkoon dhaabbachuu ” – jechuun, qarqara kufaatii, badii irra ga’uu
jechuu
Biyyi Soriyaa miilla tokkoon dhaabachaa jirti.
Egaa kunooti, Galaani Afaan Oromoo isa daakanii laafaatti keessaa ba’an miti.
Akkaataan haasotii ( Idioms ) Oromoo yartuu ani dhiyeesse kun, Oromiyaa keessaa kan naannoo
xinnoo tokkooti. Oromiyaa balloo keessa immoo haasoti (idioms) akkasii kun miliyoonan kan
lakkawamantu jiru jedheen amana.